Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abbaa Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhagahe:

Available in 64 languages
«Abbaa Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhagahe: “Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amaloota shan kan amantii Islaamaa fi sunnaalee ergamtootaa irraa ta'an ibsan: Sana keessaa inni jalqabaa: kittaannaadha, innis gogaa dabalataa mataa qaama saalaa dhiiraa irratti argamu irraa kutuudha, akkasumas mataa gogaa qaama saalaa dubartii bakka qaamni saalaa dhiiraa seenuun olitti argamu irraa kutuudha. Inni lammaffaa: Istihdaada, innis rifeensa naannoo qaaama saalaa haaddachuudha. Sadaffaan: Rifeensa affarroo muruudha, innis waan hidhii dhiiraa tan gubbaa irratti biqile yoo ta'u, akka hidhiin mul’atutti muruudha. Afraffaan: Qeensa gabaabsuudha. Shanaffaan: Rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality