Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

Available in 71 languages
«Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii isii keessatti hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgan. Akkasuma qabrii isaanii deddeebi'anii ziyaaruu fi isa biratti akkaataa baratamaa ta'een wolitti qabamuu irraa dhoorganiiru; waan sun karaa shirkiitti nama geessu ta'eef jecha. Akkasuma dachii keessatti iddoo kamittuu rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuutti ajajan, dhugumatti sun dhihoos ta'ee fagoo irraa battaluma tokkotti waan isaan qaqqabuufi, kanaafuu qabrii isaanitti deddeebi'uuf dhimmi hin jiru.

Source
abuu daawud odeesse
Download image

Saved at original quality