Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Nawwaas bin Sam'aan Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Available in 62 languages
«Nawwaas bin Sam'aan Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaarii fi dilii gaafatamanii, akkana jedhan: Irra guddaan haalowwan gaarii Isa sodaachuun Rabbiin wajjiin amala gaarii qabaachuudha. Uumama wajjiin ammoo miidhaa baachuun, dallansuu xiqqeessuun, fuula diriirsuun, haasaa toluun, rahima sufuun, Rabbiif ajajamuun, garaa laafuun, toltuu hojjachuun, haala fi hiriyyummaa gaariin nama waliin jiraachuudha. Diliin ammoo, osoo qomti isaaf hin bal'atin wantoota nama irratti wal fakkaatan irraa waan lubbuu keessa sochoo'ee asiif ahhi naanna'ee, isa irraa qalbii keessatti shakkiin argameedha, akkasumas badii ta'uun isaa sodaatamee, waan inni jibbamaa ta'eef namoota gurguddaa fi fakkeenya ta'an fuulduratti isa mul'isuu kan ati hin jaallatini, kunis Lubbuun ilma namaa tun uumamaan hojii gaarii isii namoonni akka beekan barbaaddi, dalagaa isii tokko tokko namni jalaa akka hin argine yoo feete, gochi sun dilii dha, waan gaarii of keessa hin qabu jechuudha.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality