Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan:

Available in 53 languages
«Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan: «Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wantoota armaan gadii irraa maganfatan: Tokkoffaa: (Yaa Rabbi! ani sitti maganfadha) kooluu barbaada, (sitti) si malee kan biraatin hin maganfadhu (liqaan moo’amuu) cunqursaa, yaaddoo fi dhiphina isaa irraa, akkasumas liqaa kana kaffaluuf akka na gargaartu si gaafadha. Lammaffaa: (diinaan moo’amuu) cunqursaa fi ol’aantummaa agarsiisuu isaa irraa sitti magnfadha, akkasumas miidhaa isaa akka narraa qabdee, kan isa moo'adhu akka na taasistu si kadhadha. Sadaffaa: (Diinni namatti gammaduu) balaa fi rakkoo Muslimtoota mudatutti gammaduu isaanii irraa sitti maganfadha.

Source
nasa'iif ahmad odeesse
Download image

Saved at original quality