Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

Available in 64 languages
«Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wanti sammuu haguugee isa deemsisu hundi bifa dhugaatin, ykn bifa nyaataatin ykn bifa funyaanitti ol fudhachuutin ykn bifa waan biraatin ta'ee inni farshoo nama macheessu yoo tahu, waan nama macheessee sammuu namaa deemsisu hunda xiqqaas tahee guddaa Rabbiin ol tahe dhugumatti akka haraama isa taasisee irraa dhoorge ibsaniiru. Namni wantoota nama macheessan irraa gosa kamiyyuu dhugee, dhuguu itti fufee hanga du’utti irraa hin towbatin; inni Jannata keessatti akka isa hin dhugne gochuudhaan adabbii Rabbii haqa godhataadha.

Source
رواه مسلم وأخرج البخاري الجملة الأخيرة منه
Download image

Saved at original quality