Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Available in 60 languages
«Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullaahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateynii{Jedhi ani Rabbii bariititti maganfadha} fi { Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.

Source
abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan
Download image

Saved at original quality