Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergmanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

Available in 53 languages
«Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergmanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin nama du'ee gaafa inni du'e irraa eegalee akka irraa citu himani, booda du'a isaatii wontoota sadeen kanaan yoo ta'e malee toltuun akka isaaf hin argamne himani; yeroo duuniyaa irra jirutti toltuu sanaaf sababa waan ta'eef jecha: Inni jalqabaa: sadaqaa isii mindaan isii yaa'uu fi itti fufu, kan adda hin cinne, akka woqfii, masjiida ijaaruu, eela qotuu fi kanneen biroo. Lammaffaan: beekumsa namoonni itti fayyadamanu, akka kitaabolee barnootaa barreessuu, yookaan nama wohii barsiisee jennaan, namni sun booda namni isa barsiise du'ee beekumsa sana facaasuufaati. Sadaffaan: Ilmoo mu'uminaa gaarii haadhaa fi abbaa isaatiif du'aa'ii godhu.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality