Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan:

Available in 60 languages
«Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Muslimni Islaamummaa guutuu qabu nama arraba isaa irraa muslimoonni nagaa ta’ani jechuudha himani, kana jechuun isaan hin arrabsu, hin abaarusi, hin hamatuus, arraba isaatiin miidhaa gosa kamiinuu isaanitti hin dhaqqabsiisu jechuudha. Akkasumas Harka isaa irraa kan nagaa bahani jechuu himani, kana jechuun isaanitti daangaa hin darbu, horii isaanitiis haqaan malee hin fudhatuu fi kkf jechuudha. Akkasumas Godaanaa jechuun nama waan Rabbiin haraama taasise dhiise jechuu himani.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality