Hadith for the World
maqqaaleefii murtiiwwan

dabaluu iimaanaatiifii ir'achuu isaa

5 hadiths

5 hadiths

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Iimaanni damee torbaatamii fi wohi -yookaan jaatamii fi wohi-, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhuudha, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaana irraa ta'e».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati".Muslimtu gabaase
عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: "ثَلاَثٌ مَنْ كُنَّ فِيهِ وَجَدَ حَلاَوَةَ الإِيمَانِ: أَنْ يَكُونَ اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَحَبَّ إِلَيْهِ مِمَّا سِوَاهُمَا، وَأَنْ يُحِبَّ المَرْءَ لاَ يُحِبُّهُ إِلَّا لِلَّهِ، وَأَنْ يَكْرَهَ أَنْ يَعُودَ فِي الكُفْرِ كَمَا يَكْرَهُ أَنْ يُقْذَفَ فِي النَّارِ".متفق عليه
Abbaas ibnu Abdulmuxxalib irraa akka odeeffametti -Rabbii isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Namni Rabbiin Rabbummaa isaa jaallate, islaama amantummaa isaa jaallate, Muhammadiin ergamummaa isaa jaallate mi'aa iimaanaa dhandhameera».Muslimtu gabaase