Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

Available in 65 languages
«Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Iimaanni damee torbaatamii fi wohi -yookaan jaatamii fi wohi-, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhuudha, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaana irraa ta'e».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaanni damee fi gosa hedduu akka ta'e himani, hojii, aqiidaa fi jechoota of keessatti qabata. Irra caalaa fi irra ol'aanaan isaa jecha: "Laa ilaaha illallaah" jedhu, hiika isaa beekanii, waan inni itti qajeelchutti hojjachuun wajjiin, sunis Rabbiin gabbaramaa tokkicha qofaa isaa gabbartii haqa godhatu ta'uu beekuudha. irra xiqqaan hojii iimaanaa hunda waan nama rakkisuu karaa isaanii irraa dabsuudha. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalfiin gosoota iimaanaa irraa akka ta'e himani, saalfiin waan gaarii hojjatanii waan fokkataa dhiisuu irratti nama kaasa.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality