Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu sa'iid Al-khudurii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

Available in 55 languages
«Abuu sa'iid Al-khudurii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin isaanii jannata keessa jiruu: yaa worra jannataa jedhee akka waamu himani, isaanis Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jechuun debisuufi, Rabbiinis jaallatanii isaaniin jedha? isaanis: eeyyen jaallanne jedhu; atoo waan uumama kee tokkoof hin kennine nuuf kennitee hoo maaliif hin jaallanne! Rabbiin qulqullaa'e ni jedha: kan isa caaluu isiniif kennuu? yaa Rabbi maaltu sana irra caala?! jedhu, Rabbiinis akkas jedhaan: itti fufaan jaalala kootiin isin irratti buusa; booda isaatii tasuma isinitti hin dallanu.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality