OM
maqqaaleefii murtiiwwan
islaama
3 hadiths
islaama
3
waan islaamummaa diigu.
1
qabxiilee wallaalummaa
1
dabaluu iimaanaatiifii ir'achuu isaa
5
damee iimaanaa
3
kufrii
2
shirkii
4
munaafiqummaa
1
faasiqummaa
1
bid'ah
2
3 hadiths
Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdullaah ibn Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Bukharif muslim irratti waliigalan
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".
Muslimtu gabaase