Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

Available in 65 languages
«Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a, ni jedha: «Eenyu kan na kadhatu isaafan owwaadha? eenyu kan na gaafatu isaafan kenna? eenyu kan araarama narra barbaadu isaafan araarama?».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ibsani: Rabbiin -guddatee ol ta'e- halkan hundaa yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'uun, gabroottan isaa isa kadhachuutti kakaasa, inni nama isa kadhateef ni owwaata, akkasuma waan barbaadan akka isa kadhatanutti isaan kakaasa, inni nama kadhateef ni kenna, akkasuma badii isaanii irraa araarama akka isa gaafatan isaan kakaasa, inni gabroottan isaa mu'umintootaaf ni dhiisa.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality