Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Mughiiraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Available in 61 languages
«Mughiiraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo imala isaanii keessatti wuduu'a kan godhatan ta'an, Miila dhiqachuu bira yeruma gayani Mughiiraa bin Shu'ubaa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kophee irraa waan miila Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra jiru baasuuf jecha harka isaa lameen laate miilli lameen akka dhiqamaniif jecha! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: Dhiisi isaan hin basinii, ani miila koo lameen haala qulqullina irra jiraniinin kophee lameen keessa galchee, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka miila lameen dhiquudhaa kophee lameen irra haxaayan.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality