Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan dhaga'e:

Available in 61 languages
«Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan dhaga'e: “Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan, Yeroo mana seenee yeroo seenu sanatti Rabbiin hin zakkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultii qaqqabattan, akkasumas bakka nyaatatti yoo Rabbiin hin zakkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultiitii fi irbaatas qaqqabattan".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana seenanii fi yeroo nyaata nyaatan Rabbiin zakkarutti ajajan, yeroo namichi yeroo mana isaa seenuttii fi yeroo nyaatutti akkana jechuun Rabbin zakkaree: (Bismillaah) sheyxaanni deeggartoota isaatin akkas jedha: Mana abbaan isaa isinirraa Rabbii ol ta'e zakkaruun tikfame kana keessatti carraa bultiitii fi irbaataa hin qabdan. Namichi yeroo mana ofii seenee yeroo seenuuttii fi yeroo nyaatutti yoo Rabbiin zakkaruu baate sheyxaanni mana kana keessatti iddoo bultiitii fi irbaata qaqqabattaniirtu deeggartoota isaatin jedha.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality