Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abdallaa ilma Āmrii ilma Āas irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:

Available in 65 languages
«Abdallaa ilma Āmrii ilma Āas irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Cubbuuwwan gurguddoon: Rabbitti waan biraa qindeessuu, Haadhaa fi Abbaaf Galata dhabuu, Lubbuu ajjeesuu fi kakuu sobaa kakachuudha”.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- diliiwwan gurguddoon maal akka ta'an ibsan, isaanis diliiwwan duniyaatti ykn aakhiratti nama isii hojjateef akeekkachiisni cimaan keennameefiidha. Kan duraa: Allaahitti Sharraksiisuudha: innis gosoowwan ibaabaa irraa gosa kamiyyuu Allaahin alatti kan biraaf kennuudha, akkasumas gabbartii, gooftummaa, maqoolee fi sifoowwan Isaa keessatti waan uumama Isaa irraa Rabbiin adda godhu keessatti waan biraa Rabbitti qixxeessuudha. Inni lammaffaa “haadha fi Abbaaf galata dhabuu”: innis dubbiinis ta’ee gochaan hunduma waan haadhaa fi abbaa irratti miidhaa geessisuu fi isaanitti tola ooluu dhiisuudha. Inni sadaffaan seeraan ala “Lubbuu ajjeesuudha”: sun akka haqa malee fi gara jabinaan ajjeesuuti. Inni afraffaan “kakuu cuuphuuti”: innis soba ta’uu isaa osoo beekuu sobaan kakatuudha. Kakuu cuuphuu kan jedhameef nama isa raawwate dilii ykn ibidda keessatti waan cuuphuuf jecha.

Source
Bukhaariitu gabaase
Download image

Saved at original quality