OM
gorsa qalbiijiisu
hammeenya dilii
6 hadiths
hojiilee qalbii
14
duniyarraa dantaa dhabuu
2
haala gaggaarotaa
4
hammeenya dilii
6
hammeenya duniyaa jaalachuu
8
hammeenya miiraafii fedhii lubbuu hordofuu
1
tawbaa
3
lubbuu qulqulleessuu
9
sifaata jannataafii ibiddaa
17
6 hadiths
Abuu Bakraa irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani: “Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?” Yeroo sadii akkana jedhan, Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii nuuf himaa, ni jedhan: "Allaahitti sharraksiisuu fi hadhaa abbaaf galata dhabuu" irkatanii turanii ol jedhanii taa'anii akkana jedhan: "Dammaqaa, ammaas Haasaa sobaati", ni jedhe: Osoo callisanii hanga nuti jennutti isii deddeebisuu irraa hin deemne.
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdallaa ilma Āmrii ilma Āas irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Cubbuuwwan gurguddoon: Rabbitti waan biraa qindeessuu, Haadhaa fi Abbaaf Galata dhabuu, Lubbuu ajjeesuu fi kakuu sobaa kakachuudha”.
Bukhaariitu gabaase
Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee _Rabbi isa irraa haa jaallatu_ Nabiyyiin _Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu_ akkana jedhan: «Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? isaanis ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe: "Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee, badii hojjatanii muldhisuu keessaa namni tokko halkan hojii wahii hojjatee, eegasii dhugumatti Rabbiin haala badii sana isaaf dhokseen isaaf kan bari'u yoo ta'u, eegasii akkana jechuu isaati: Yaa ebalu, eda halkan waan akkanaa waan akkasiitiin hojjedhe, dhugumatti Rabbiin isaa isaaf dhoksee haala buleen, girdoo Rabbiin isa irra kaaye sana ofirraa kaasee bari'aaf".
Bukharif muslim irratti waliigalan
عن أبي هريرة عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «لعن الله السارق، يسرق البَيْضَةَ فَتُقْطَعُ يده، ويسرِقُ الحَبْلَ فَتُقْطَعُ يَدُهُ».
متفق عليه