fiqhiifii beekkomsa hundee isaa
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, ni jedhe:
Available in 60 languages
«Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.»Meaning translation ·
Saved at original quality








