Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Available in 53 languages
«Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Namoonni lama Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fuulduratti wal arrabsanii, fuulli tokkoo isaanii deematee, ujummoon morma isaa iita'e. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Ani jecha tokko kan osoo namichi aarii qabu kun isa jedhee aariin sun silaa irraa deemuun beeka, osoo akkas jedhee: Sheyxaana abaaramaa ta'e irraa Rabbitti maganfadha. Isaanis akkana jedhaniin: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Sheyxaana irraa Rabbitti maganfadhu. Innis: Ani maraataadhaa?! Sheyxaana irraa kan maganfatu nama maraatummaadhaan rakkate qofa jedhee yaade.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality