Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

Available in 54 languages
«Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abjuun gaariin nama gammachiisu Rabbiin irraa akka ta'ee fi abjuun badaan nama naasisu sheyxaana irraa akka ta'e himan. Namni waan isa jibbisiisu arge gara bitaa isaatti haa tufee, hamtuu isaa irraa Rabbitti haa maganfatu; akkas godhe taanan inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta armaan olitti ibsame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababaa waan taasiseef jecha.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality