Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. ​

Available in 60 languages
«Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. ​ "Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban". Akka Al-Bukhaariin gabaasetti: "ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni karaa darbu immoo nama taa'aa jiruun salaamataa jechuudha qaba, namni muraasni nama baay'een salaamataa jechuudha qaba".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality