Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Umar ilma khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e:

Available in 71 languages
«Umar ilma khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e: "Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.

Source
tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Download image

Saved at original quality