Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan.

Available in 61 languages
«Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota irraa namni tokkolleen hanga wantoota kenneen irraa gaafatamutti guyyaa qiyaamatti eddoo herregaa bira gara jannataa ykn ibiddaa akka hin dabarre himan: Tokkoffaan: Jiruu isaa maal keessatti akka isii fixeedha? Lammaffaan: Beekumsa isaa Rabbiif jecha bartee? itti hoo dalagee? nama maluuf hoo isa dabarseedha? Sadaffaan: Qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fide halaala moo haraama irraayii? maal keessatti baasii akka isa godhe waan Rabbiin jaallachiisu moo ykn waan Isa dallansiisu keessattii? Afraffaan: Qaama isaa, humna isaa, fayyaa isaati fi dargaggummaa isaa maal keessatti dabarseedha?

Source
tirmizii odeesse
Download image

Saved at original quality