sadarkaaleefii naamusoota
Abuu Mas'uud Al-ansaarii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Available in 70 languages
«Abuu Mas'uud Al-ansaarii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".»Meaning translation ·
Saved at original quality








