Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

Available in 70 languages
«Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan qabeenya akka hin hir'ifne ifa galchani, inumaayyuu balaa abbaa isii irraa ittifti, Rabbiin abbaa isiitiif toltuu guddaadhaan bakka buusa, kanaafuu hir'ina osoo hin taane dabalata taati. Haaloo ba'uu danda'uu waliin yookaan abbaa isaa adabuu danda'uu waliin dhiifama gochuun humnaa fi injifannoo malee homaa hin dabalu. Namni tokkoyyuu sodaaf, fakkeessaa fi bu'aa wohii irraa barbaaduuf kan hin taane fuula Rabbiitiif jecha of gadi qabee of xinneesse taanaan, mindaan isaa olaantummaa fi kabajaa ta'u malee hin hafu.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality