Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abdullaah ibnu salaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaa dhufanitti namoonni ariifatanii gara isaaniitti deemuun akkas jedhame: ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, yeroo sadi, ani eegasii isaan laaluuf jecha gara namootaatti dhufe, yeroon fuula isaanii argetti, fuulli isaanii akka fuula sobaa hin taanen bare, jalqaba wonti ani isaanii dubbatu dhaga'e akkas jechuu isaaniiti:

Available in 55 languages
«Abdullaah ibnu salaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaa dhufanitti namoonni ariifatanii gara isaaniitti deemuun akkas jedhame: ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, yeroo sadi, ani eegasii isaan laaluuf jecha gara namootaatti dhufe, yeroon fuula isaanii argetti, fuulli isaanii akka fuula sobaa hin taanen bare, jalqaba wonti ani isaanii dubbatu dhaga'e akkas jechuu isaaniiti: «Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaatti dhufanittti, namoonni isaan arguun ariifatanii gara isaaniitti qajeelani, namoota gara isaaniitti qajeelan keessaa Abdullaah ibnu salaamtu ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- inni worra yahuudaa irraa ture, yeroo isaan argetti fuulli isaanii akka fuula nama sobuu hin taane bare; ifa, bareedinaa fi namummaa dhugaa isaan irraa mul'atuuf jecha. jalqaba wonti inni nabiyyii irraa dhaga'ee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiiwwan jannata seenuuf sababa ta'anitti namoota kakaasuu isaaniiti, isaan keessaas: Inni jalqabaa: nama beektuu fi hin beekne irratti salaamataa facaasuu, isa mul'isuu fi isa heddummeessuudha. lammaffaan: sadaqaa, kennaa fi keessummeessaan nyaata nyaachisuudha. Sadaffaan: nama firummaan karaa abbaatiin yookaan karaa haadhaatiin wolitti si hiitu woliin firooma fufuudha. Afraffaan: yeroo namni rafutti salaata sunnaa halkanii salaatuudha.

Source
tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Download image

Saved at original quality