Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan:

Available in 60 languages
«Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu namni mu'azzina yeroo dhaga'u du'aa'ii armaan gadii kana jedhe galata guddaa akka qabu himan: "Ashhadu an laa ilaaha illallaahu wadahuu laa shariika lah" jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi gabbaramaan Isa malee jiru hundi soba akka ta'e nan raggaasisa, ragaa ba'a, "Wa anna Muhammadan abduhuu marasuuluhu" jechuunis: Muhammad gabricha Rabbii kan gabbaramne ta'uu fi Ergamaa Isaa kan hin sobne ta'uu ragaa ba'a, "Radiitu billaahi rabbaa" jechuunis: Rabbiin hojiilee, gabbartii, maqoolee Isaati fi sifowwan Isaatin gooftaa ta'uu jaaladhe", “Wabimuhammadin rasuulaa", jechuunis: Muhammad hunduma waan isaan ergamanii fi nutti geessaniin waliin ergamaa ta'uu jaaladhe jechuudha, "Wabil islaami" jechuunis: Islaamummaa ajajoota fi dhoorgaalee irraa hunda heera fi seera isaa waliin jaaladhe jechuudha, “Diinaa" jechuunis: itti amanuu fi jala masakamuu keessatti amantii ta'uu jaaladhe jechuudha, “Diliin isaa ni dhiifama" jechuunis: nama du'aa'ii kana jedhe diliin isaa kan diliiwwan xixiqqaa irraa ta'e isaaf dhiifama jechuudha.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality