Hadith for the World
salaata

azaanaafii iqaamaa

6 hadiths

6 hadiths

Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagayaa fi rahmanni Rabbiin irra haa jiraatu- akkana jedhan: “Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”.Bukharif muslim irratti waliigalan
Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.Muslimtu gabaase
عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «إِذَا نُودِيَ بالصَّلاَةِ، أدْبَرَ الشَّيْطَانُ، وَلَهُ ضُرَاطٌ حَتَّى لاَ يَسْمَعَ التَّأذِينَ، فَإذَا قُضِيَ النِّدَاءُ أقْبَلَ، حَتَّى إِذَا ثُوِّبَ للصَّلاةِ أدْبَرَ، حَتَّى إِذَا قُضِيَ التَّثْوِيبُ أقْبَلَ، حَتَّى يَخْطِرَ بَيْنَ المَرْءِ وَنَفْسِهِ، يَقُولُ: اذْكُرْ كَذَا واذكر كَذَا - لِمَا لَمْ يَذْكُر مِنْ قَبْلُ - حَتَّى يَظَلَّ الرَّجُلُ مَا يَدْرِي كَمْ صَلَّى».متفق عليه
عَنْ مُعَاوِيَةَ رَضيَ اللهُ عنهُ قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «الْمُؤَذِّنُونَ أَطْوَلُ النَّاسِ أَعْنَاقًا يَوْمَ الْقِيَامَةِ».رواه مسلم
Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate».Bukhaariitu gabaase
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhaga'e: "Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".Muslimtu gabaase