Hadith for the World
salaata

dirqamummaa salaataatiifii murti nama isii dhiisee

5 hadiths

5 hadiths

Amrii bin Shu'eyb abbaa isaa akaakayyuu isaa irraa oedeessee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".abuu daawud odeesse
Buraydaa ibnu Alhusayb irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Salaata asriitti daddafaa yeroon salaataa, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni salaata Asrii dhiise dhugaatti hojiin isaa jalaa bade».Bukhaariitu gabaase
Abdullaah ibn Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .Bukharif muslim irratti waliigalan
Anas bin Maalik irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: “Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14].”Bukharif muslim irratti waliigalan
Jaabir irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe: “Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”.Muslimtu gabaase