126 hadiths
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.Bukharif muslim irratti waliigalan
Ma'adaan bin Abii Xalhaa Al-Ya'amarii irraa odeeffamee akkana jedhe: Sowbaan bilisa bahaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan ta'e qunnameen, akkas jedheen: Dalagaa sababaa isaatin Rabbiin jannata na seensisu naaf himi? ykn akkas jedhe: nan jedhe: Dalagaa gara Rabbiitti irra jaalatamu naaf himi, ni cal'ise, eegasii isa nan gaafadhe, ammas ni cal'ise, eegasii sadaffaa isa nan gaafadhe, akkas jedhe: Yeroo baay’ee sana Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafadhee, akkas jedhan: «Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee» Ma'adaan akkas jedhe: Eegasii Abuu Al-dardaa qunnameen isa gaafadhee, fakkaatuma Sowbaan naan jedhe naan jedhe.Muslimtu gabaase
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahamnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessa jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.Bukharif muslim irratti waliigalan