fiqhiifii beekkomsa hundee isaa
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Available in 60 languages
«Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".»Meaning translation ·
Saved at original quality








