Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan:

Available in 63 languages
«Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nageenyi fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- waa’ee munaafiqootaa fi laafina isaan salaata irratti, keessattuu salaata lamaan Ishaa'ii fi Fajrii irratti qabanii fi mindaa jama'aa muslimootaa wajjiin isaan lamaan raawwachuu keessa jiru osoo beekanii, silaa harkaa fi jilbaan akka daa'imaatti shorroqanii isaan lamaan akka dhufan himan. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- salaanni akka gaggeeffamu ajajanii, nama bakka isaanii bu'ee ummataan salaatu muudanii, eegasii dhiirota muka qoraanii baatan waliin deemanii dhiirota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti maneen isaanii ibiddaan gubuu irratti dhugumatti murataniiru; hammeenya badii isaan raawwatan irraa kan ka'een, -garuu isaan akkas hin goone- sababni isaas dubartootaa fi ijoolleen cubbuu hin qabne, akkasumas namoonni biroo kan uzrii (rakkoo) qabanii fi badii tokkollee hin qabne manneen keessa waan jiraniif jecha.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality