Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- ni jedhe:

Available in 71 languages
«Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa dhugumatti irra milkaa'aan namaa nama onnee isaa irraa qulqulleessee ''Laa ilaaha illallaah" jedhe, akka ta'e himan, akkas jechuun haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas shirkii fi namni na haa arguu irraa qulqulluu ta'uudha.

Source
Bukhaariitu gabaase
Download image

Saved at original quality