Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa akkas jedhanin dhaga'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:

Available in 71 languages
«Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa akkas jedhanin dhaga'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: ''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sifowwan Rabbii ol taée fi hojii dhuunfaa Isaatiin isaan faarsuu fi haala isaanii ibsuu keessatti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan, yookaan isaan waan dhokataa ni beekan jechuudhaan, ykn Rabbiin waliin ni waammataman jechuudhaan, akkuma nasaaraan Iisaa ilma maryam -nageenyi irratti haa jiraatu- waliin dalaganitti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan. Eegasii isaan gabroota Rabbii keessaa tokko akka ta'an ibsan, akkasumas akka nuti isaan: garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jennu nu ajajan.

Source
Bukhaariitu gabaase
Download image

Saved at original quality