Hadith for the World
Rabbii oltahetti amanuu

tawhiida gabbaramummaa

14 hadiths

14 hadiths

Umar bin Al-Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga”, Umar akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, ergan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan kakuu kana irraa dhoorgan dhagahee beekes ta'ee nama irraa himus ta'ee ittiin kakadhee hin beeku.Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".Muslimtu gabaase
Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa akkas jedhanin dhaga'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: ''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".Bukhaariitu gabaase
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.Bukhaariitu gabaase
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha tokko jedhan, anis kan biraatiin jedhe, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ":Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena". Anis nin jedhee: Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee isa hin kadhatin jannata seena.Bukharif muslim irratti waliigalan
عن ابن مسعود رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «من أصابته فَاقَة فأنْزَلها بالناس لم تُسَدَّ فَاقَتُهُ، ومن أنْزَلها بالله، فَيُوشِكُ الله له بِرزق عاجل أو آجل».رواه أبو داود والترمذي وأحمد
عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم أنه قال: "أكبر الكبائر: الإشراك بالله، والأمن من مَكْرِ الله، والقُنُوطُ من رحمة الله، واليَأْسُ من رَوْحِ الله".رواه عبد الرزاق
عن عبد الله بن عكيم رضي الله عنه مرفوعاً: «مَنْ تَعَلَّقَ شيئا وُكِلَ إليه».رواه أحمد والترمذي
Xaariq ibnu Ashyam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».Muslimtu gabaase
Abuu Marsad Al-Ganawii irraa akka gabaafametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».Muslimtu gabaase
Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu-: Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.Bukharif muslim irratti waliigalan
Mu'aaz irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".Bukharif muslim irratti waliigalan
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".Muslimtu gabaase
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «إِنَّ اللهَ يَرْضَى لَكُمْ ثَلَاثًا، وَيَكْرَهُ لَكُمْ ثَلَاثًا، فَيَرْضَى لَكُمْ: أَنْ تَعْبُدُوهُ، وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَأَنْ تَعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا، وَيَكْرَهُ لَكُمْ: قِيلَ وَقَالَ، وَكَثْرَةَ السُّؤَالِ، وَإِضَاعَةِ الْمَالِ».رواه مسلم