OM
Rabbii oltahetti amanuu
tawhiida Rabbummaa
2 hadiths
tawhiida Rabbummaa
2
tawhiida gabbaramummaa
14
tawhiida maqaaleefii sifaataa
24
2 hadiths
Abdullaah bin Masu'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamiitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.
Bukharif muslim irratti waliigalan
Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaal irratti Mu'aaz uddeelluu isaanii taa'ee akkas jedhani: «Yaa Mu'aaz ilma Jabal», siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii sis gamamchiise, isaanis ni jedhani: «yaa Mu'aaz», Mu'aazis siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii siis gammachiise jedhe, yeroo sadi, nabiyyiinis akkas jedhani: «Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu» Mu'aazis yaa ergamaa Rabbii, namootatti himee haa gammadanuu? jedhe: nabiyyiinis ni jedhani: «yeroo sana (hojii dhiisanii hadiisa kana irratti) ni hirkatu». Mu'aazis akka badii isaatti hin taaneef jecha yeroo du'a isaa isa hime.
Bukharif muslim irratti waliigalan