Hadith for the World
salaata

sadarkaa salaataa

10 hadiths

10 hadiths

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".Muslimtu gabaase
Ma'adaan bin Abii Xalhaa Al-Ya'amarii irraa odeeffamee akkana jedhe: Sowbaan bilisa bahaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan ta'e qunnameen, akkas jedheen: Dalagaa sababaa isaatin Rabbiin jannata na seensisu naaf himi? ykn akkas jedhe: nan jedhe: Dalagaa gara Rabbiitti irra jaalatamu naaf himi, ni cal'ise, eegasii isa nan gaafadhe, ammas ni cal'ise, eegasii sadaffaa isa nan gaafadhe, akkas jedhe: Yeroo baay’ee sana Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafadhee, akkas jedhan: «Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee» Ma'adaan akkas jedhe: Eegasii Abuu Al-dardaa qunnameen isa gaafadhee, fakkaatuma Sowbaan naan jedhe naan jedhe.Muslimtu gabaase
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- inni Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe: “Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?" ni jedhan (sahaabonni): sun xurii isaa irraa homaa hin hanbisu, isaanis ni jedhan: "sun fakkeenya salaata shananiti, Rabbiin isaani diliiwwan haqa".Bukharif muslim irratti waliigalan
Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: "Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".Muslimtu gabaase
Abuu Zuheyr Umaaraa bin Ru'eybaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu».Muslimtu gabaase
Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe: “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”.Muslimtu gabaase
Abuu Maalik Al-Ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii. salaanni ifa akka ji'aati, sadaqaan immoo ragaadha, obsi ifa akka aduuti, qur'aanni siif ragaadha yookaan sirratti ragaadha, hundi namaatuu ganamaan bobba'uun lubbuu isaa gurgura, isii bilisoomsa yookaan isii balleessa".Muslimtu gabaase
عن ربيعة بن كعب الأسلمي قال: كنتُ أبيتُ مع رسول الله صلى الله عليه وسلم فأتيتُه بوَضوئه وحاجته فقال لي: «سل» فقلت: أسألك مرافقتك في الجنة. قال: «أو غير ذلك؟» قلت: هو ذاك. قال: «فأعني على نفسك بكثرة السجود».رواه مسلم
عن عائشة عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «ما من ميت تصلي عليه أُمَّةٌ من المسلمين يبلغون مائة، كلهم يشفعون له، إلا شفعوا فيه».رواه مسلم