Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan:

Available in 70 languages
«Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: "Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni fajrii salaate eegumsa Rabbii, kunuunsa isaatiifi tika isaa keessa akka jiraatuu fi akka isa irraa deebisuu fi isaaf tumsu himani. Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality