Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe:

Available in 60 languages
«Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe: “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, Muslimni kamiyyuu yeroon salaata dirqamaa isatti dhaqqabee jennaan ka'ee wuduu’a bareechee guutee godhatee, eegasii bakka qalbii fi qaamni isaa guddina Isaa of dura qabaa haala ta'een Rabbitti garagalaa ta'etti salaata isaa khushuu'a eeggatee, hojiilee ishee kan rukuu'aa, sujuudaa fi kan biroo guutee sirnaan salaatee, waan inni badiiwwan gurguddoo hin hojjatiniin salaanni tun badiiwwan xixiqqoo irraa waan ishee duratti dabre isaaf haqxuu taatu malee akka hin hafne ibsaniiru, sadarkaan kun yeroo fi salaata hundumaa keessatti ni jiraata.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality