Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:

Available in 55 languages
«Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: «Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbiin malee jiruun kakachuu irraa sodaachisu; mu'uminni Rabbiin malee waan biraatin hin kakatu. namni waan Rabbiin malee jiruun kakate; fakkeenyaaf akka nama: laatii fi uzzaadhaan kakatee- isaan lameen taabota islaamummaan dura yeroo wollalummaa keessatti gabbaramaa turani- laa ilaaha illallaah jechuun lubbuu ofii qaqqabuun isa irratti dirqama akka ta'e himani, shirkii irraa of qulqulleessuu fi kakaa isaa sanaaf kaffaaraa baasuuf jecha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni hiriyaa isaatiin: kottu qumaara taphanna jedhe, -inni namoonni lamaa fi sanaa ol ta'an gidduu isaaniitti maallaqa namni injifate fudhatu godhanii wol dorgomuudha, jara keessaa namni tokko buufachuu yookaan adabamuu irraa hin oolu-; waan gara isaatti waameef kaffaaraa akka isaaf ta'uuf jecha saddaqachuun jaallatamaa ta'a.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality