Hadith for the World
Tap the image to view it full size
aqiidaa

Abdullaah ilma Amrii ilma Al-aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:

Available in 71 languages
«Abdullaah ilma Amrii ilma Al-aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira, ni jedhan(Ergamaan): Arshiin Isaa bishaan gubbaadha jira".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin murtoo uumamtootaa waan argamuuf taa'u jireenya, du'a, rizqii fi wantoota kana fakkaatan kan biraa irraa adda babaasee lawhal mahfuuz(luuhii tikfamaa ta'e) irratti samiiwwanii fi dachii osoo hin uumin woggaa kuma shantamaan duratti akka barreessee jiru himan, isiin akkaataadhuma Rabbiin ol ta'e isii murteesseen argamtuudha. Wanti ta'u hundi murtoo Rabbiitii fi qadara isaatiin ta'a, Wanti gabricha tuqe isa dhabuu hin danda'u, wanti isa dhabe immoo isa tuquu hin danda'u.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality