2 hadiths
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Gaafa tokko booda Ergamaa Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ture, ni jedhani: "Yaa gurbaa!, ani jechoota wahiitin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki! ummanni guutuun waan tokkoon si fayyaduuf jecha osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif barreesseen malee homaa woma tokkoon si fayyaduu hin danda'anu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf jecha osoo walitti qabamani, waan Rabbiin sila sirratti barreesseen malee homaa woma tokkoon si miidhuu hin danda'anu, qalamiiwwan kaafamte, barruuleen gogde".tirmizii odeesse