Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Ibnu Abii Awfaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe:

Available in 63 languages
«Ibnu Abii Awfaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah, Allaahumma Rabbanaa lakal hamd Mil'assamaawaati wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'ita min shey'in Ba'ad", jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e, Yaa Rabbii keenya faaruun siifi, faaruun samii fi dachii guutu, akkasumas eegasii wahirraa faaruun waan ati feete guutu siifi jechuudha.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah", jechuunis: Nama Rabbii ol tahe faarse Rabbiin isaaf owwaatee, faaruu isaa isaaf qeebalee irrattis isa mindeessa. Ergasii akkana jechuun Allaaha ni faarsu: "Allaahumma Rabbanaa lakal hamdu, Mil'assamaawaat wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'it min shey'in Ba'ad", faaruu samii fi dachii guutu, waan jidduu isaani jiruus, akkasumas faaruu wahirraa waan Rabbiin fedhe guutu

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality