Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Sa’iid al-Khudrii fi Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin isaan irraa haa jaallatu Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan:

Available in 54 languages
«Abuu Sa’iid al-Khudrii fi Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin isaan irraa haa jaallatu Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan: «Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru» kuni jecha Rabbii ol ta 'eeti: {Jannanni sana sababaa waan hojjetaa turtaniitin dhaalchifamtani} [Al-a'araaf: 43].»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- lallabaan tokko jannata keessatti osoo warri jannataa qananii irra jiran akkana jedhee akka lallabu dubbatan: Isin jiraachuu malee dhukkubni hammam xiqqaa ta’us, Jannata keessatti gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee duuti osoo hirriiba ta'ellee inni du'a xiqqaadhaa jannata keessatti gonkumaa du'uun hin jiru, dargaggummaa malee jannata keessatti gonkumaa jaarsa ta'uun hin jiru, qananii malee gaddaa fi abdii kutachuun gonkmaa jannata keessatti hin jiru, suni jecha Rabbii ol ta'eeti : {Jannanni sana sababaa waan hojjetaa turtaniitin dhaalchifamtani} [Al-a'araaf:43].

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality