Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abbaa hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii isaanii akkana jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaanii irratti haa buusu-:

Available in 71 languages
«Abbaa hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii isaanii akkana jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaanii irratti haa buusu-: ''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti akkana jechuudha ibsan: namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo isa keessatti qunnamtii saalaa hin raawwatin, rafasa jechuun qunnamtii saalaatii fi adda duree isaa kan akka dhungoo fi walitti dhiheenya qaamaati, akkasuma jechi badaanis rafasa ni jedhama. Akkasuma namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo ajaja Rabbii hin faallessine, diliiwwanii fi badiiwwan hojjachuun, ajaja Rabbii faallessuu irraa dhoorgaawwan ihraamaa hojjachuudha, hajjii isaa irraa diliin isaa hundi haala isaaf dhiifameen deebi'a, akka daa'imni badiiwwan irraa qulqulluu ta'ee dhalatutti.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality