Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe:

Available in 60 languages
«Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee nama gootummaa, gosaa fi naaf argiidhaaf qabsaa’uu ilaalchisee, kanneen keessaa kamtu karaa Rabbii irratti qabsaa'aadha jechuu irraa gaafatamanii?, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wal dhabiinsa kaayyoo qabsaa'otaa ilaalchisee; isaan irraa nama gootummaaf ykn gosaaf ykn namoota jidduu akka sadarkaan isaa muldhatuuf ykn waan biroof qabsaa'utu jira, kanneen keessaa kamtu karaa Rabbii keessatti qabsaa'e jechuu irraa gaafataman? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- karaa Rabbii keessatti qabsaa'aan: nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka qabaatuuf qabsaa'e ta'uu himan.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality