Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

Available in 70 languages
«Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala, eegasii Rabbiin wol gahee jennaan Rabbiinis irra isaaf darbe".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha liqaan namootaa waliin hojjatu yookaan beellamaan isaanitti gurguru irraa dubbatan, Ilma isaa kan liqaa namoota bira jiru sassaabuun akkas jedha ture: Yeroo nama waa liqeeffatee rakkina isaa irraa waan liqaa ittiin kaffalu hin qabne "irra isaaf darbi" yookaan isaaf tursiisuun, akkasumas gafachuu keessatti isatti jabeessuu dhabuun, Yookaan hirdhuu yoo ta'ellee waan inni qabu qeebaluuni, sun kaka'umsa isa irraa ta'ee fi Rabbiin irra isaaf darbuu fi isaaf dhiisuu kajeeluudhaaf jecha. Yeroo inni du'e Rabbiin isaaf dhiisee badiiwwan isaa irra isaaf darbe.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality