Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hurayraa irraa akk odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

Available in 70 languages
«Abuu Hurayraa irraa akk odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti akka ta'e ibsan, kunis namni salaatu yeroo sujuudutti Rabbii injifatee guddateef bitamuu fi Isaaf of xinneessuu fi Isaaf gadi of qabuuf jecha irra olaanaa fi irra kabajamaa qaama isaa dachii irra waan kaa'uufi. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti sujuuda keessatti kadhaa heddummeessuutti ajajanii jiru, jechaa fi hojiin of gadi qabuutu sana keessatti wolitti qabama.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality