Hadith for the World
sadarkaalee

sadarkaa zikrii

10 hadiths

10 hadiths

Abuu Dardaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee, warqee fi meetii kennachuu irra caaltuu kan taate fi diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuu fi isaanis morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate isiniif himuu?» ni jedhan: Eeyyee. Isaanis ni jedhan: «Rabbii ol ta'e zakkaruudha».tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- karaa Makkaa irra deemaa osoo jiranuu, gaara tokko kan Jumdaan isaan jedhamu bira darbanii, Akkana jedhani: «Deemaa, kuni Jumdaanii, Mufarridoonni darban» ni jedhan (sahaabonni): Mufarridoota jechuun maal jechuudha yaa Ergamaa Rabbii? Akkas jedhan: «Isaan dhiirotaa fi dubartoota yeroo baay’ee Rabbiin zakkarani».Muslimtu gabaase
عن الْأَغَرِّ رضي الله عنه، وَكَانَ مِنْ أَصْحَابِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «يَا أَيُّهَا النَّاسُ تُوبُوا إِلَى اللهِ، فَإِنِّي أَتُوبُ فِي الْيَوْمِ إِلَيْهِ مِائَةَ مَرَّةٍ».رواه مسلم
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti Rabbiin akkana jedhe: "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'ee- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".Bukharif muslim irratti waliigalan
عن أبي ذر الغفاري رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «ألاَ أُخْبِرُكَ بِأَحَبِّ الكَلاَمِ إِلَى اللهِ؟ إنَّ أَحَبَّ الكلام إِلى الله: سبحان اللهِ وبحمدِهِ».رواه مسلم
عن أبي هريرة رضي الله عنه مرفوعاً: «والذي نفسي بيده، لو لم تذنبوا، لذهب الله بكم، وجاء بقوم يُذْنِبُونَ، فيستغفرون اللهَ تعالى، فيغفر لهم».رواه مسلم
عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : "الْبَاقِيَاتُ الصَّالِحَاتُ، لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ، وَسُبْحَانَ اللَّهِ، وَاَللَّهُ أَكْبَرُ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، وَلَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إلَّا بِاَللَّهِ".رواه ابن حبان والحاكم، أما النسائي فرواه في الكبرى لكن من حديث أبي هريرة
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: «Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhaga'e: "Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".Muslimtu gabaase
Usmaan bin Abil Aas irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu: Inni gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, dhugumatti sheyxaanni anaa fi salaata koo fi qiraatii koo gidduu galee na irratti isii wal fakkeessaa jira. Ergamaan Rabbiitis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: "Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi". ni jedhe: ani akkas godhee, Rabbiin isa narraa kaase.Muslimtu gabaase