Hadith for the World
barnoota amalagaarii

amala gaarii

35 hadiths

35 hadiths

Sa'ad ibnu Abii Waqqaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jedhe: «Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».Muslimtu gabaase
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: «Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan
Aa'ishaa haadha manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».Muslimtu gabaase
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba».abuu daawudiifii ahmad odeessan
Abdullaah ibnu Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».Bukharif muslim irratti waliigalan
Anas ibnu Maalik irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: «Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».Bukharif muslim irratti waliigalan
عَنْ أَبِي مُوسَى الأَشْعَرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «أَطْعِمُوا الجَائِعَ، وَعُودُوا المَرِيضَ، وَفُكُّوا العَانِيَ».رواه البخاري
Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: “Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan
Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".Bukharif muslim irratti waliigalan
عَن أَبي هُرَيْرَةَ، قَالَ: قَامَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي صَلاَةٍ وَقُمْنَا مَعَهُ، فَقَالَ أَعْرَابِيٌّ وَهُوَ فِي الصَّلاَةِ: اللَّهُمَّ ارْحَمْنِي وَمُحَمَّدًا، وَلاَ تَرْحَمْ مَعَنَا أَحَدًا. فَلَمَّا سَلَّمَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ لِلْأَعْرَابِيِّ: «لَقَدْ حَجَّرْتَ وَاسِعًا» يُرِيدُ رَحْمَةَ اللهِ.رواه البخاري
عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «إِنَّ اللَّهَ قَالَ: إِذَا ابْتَلَيْتُ عَبْدِي بِحَبِيبَتَيْهِ فَصَبَرَ، عَوَّضْتُهُ مِنْهُمَا الجَنَّةَ» يُرِيدُ: عَيْنَيْهِ.رواه البخاري